Faaya Dhooysaa keessatti agarsiisa Qayyaa fi aadaa

MANA QAYYAA AADAA OROMOO

FAAYA
DHOOYSAA

Bakka aadaa, kunuunsa fi miidhaginni walitti dhufan.

Faaya Dhooysaa keessatti aadaa fi ogummaa dhalootaa kabajaa, dubartootaaf bakka isaan itti of kunuunsan, boqotan, miidhagina isaanii kunuunsan fi yeroo ofiif kennatan uumuuf hojjenna.

BAREEDINA DHOKATAA

Faaya Dhooysaa jechuun maal jechuudha?

Faaya Dhooysaa maqaa hojii qofa miti; seenaa, jaalala, aadaa fi hojii dubartootaaf hojjetamu walitti fiduun maqaa kanaaf hiika addaa uumeera.

Faaya Dhooysaa jechuun bareedina dhokataa — bareedina alaa qofa osoo hin taane, waan keessa jiru yeroo sirriitti kunuunfamu mul'atuudha.

SEENAA KEENYA

Seenaa Maqaa Faaya Dhooysaa

“Faaya Dhooysaa maqaa hojii koo qofa miti; seenaa fi yaadannoo maatii koo keessaa madde.”

Maqaan Faaya Dhooysaa jedhu maqaa ani ijoollummaa irraa kaasee maatii koo keessatti ittiin waamamaa ture. Maqaan kun jaalala fi kabaja naaf qaban waliin na wajjin guddachaa dhufe.

Yeroo hojii Mana Qayyaa Aadaa koo jalqabu, maqaa na waliin guddachaa dhufe kana hojii koo waliin walitti hidhuun “Faaya Dhooysaa” jedheen moggaase.

Maqaan kun anaaf hiika addaa qaba. Inni seenaa koo, jaalala maatii koo fi hojii ani garaa koo irraa jaalladhee dubartootaaf hojjedhu walitti fida.

Bakka hojii Mana Qayyaa Faaya Dhooysaa
Aadaa fi ogummaa dhalootaa, hojii har'aa waliin.
Faayaa uffata aadaa Oromoo keessatti beekamtii argatte
Aadaa Oromoo fi muuxannoo hojii.

WAA'EE FAAYAA

Nama hojii sana duuba jiru

Faayaan eenyummaa fi muuxannoo addaa qabduun dubartootaaf hojjechaa jirti. Barnoota ishee fi hojii ishee duraanii irraa gara hojii kanaatti dhufuun murtoo salphaa hin turre; garuu waan isheen beektu dubartootaaf dabarsitee isaan gargaaruu barbaaduun karaa kana filatte.

Jalqabarratti hojii kana kan jalqabde fedhii dubartoota gargaaruuf qabudurraa ture. Yeroo keessa garuu, dubartoota waliin hojjechaa fi muuxannoo wal jijjiiraa deemuun, hojiin kun waan isheen garaa ishee irraa jaallattu ta'uu hubatte.

“Dubartii gargaaruuf waanan beeku qooduun jalqabe; garuu karaa kana irratti fedhii koo fi gammachuu koo argadhe.”

🌿 QAYYAA

Qayyaan Muka urgaa'u qofa miti.

Qayyaan seenaa, duudhaa fi beekumsi haawwan keenya durii irraa dhalootarraa dhalootatti darba dhufe.

Faaya Dhooysaa keessatti beekumsa aadaa kana kabajnee, muuxannoo keenya waliin walitti fiduun dubartootaaf tajaajila kennina.

“Waan haawwan keenya nuuf hambisan, dhalootaaf dabarsuun itti gaafatamummaa keenya.”
Wantoota aadaa fi Qayyaa Qophii tajaajila aadaa

TAJAAJILA KEENYA

Kunuunsa, boqonnaa fi miidhagina

Aadaa fi ogummaa keenya kabajaa, tajaajila dubartootaaf mijataa ta'e dhiyeessina.

🌿

Qayyaa fi Kunuunsa Aadaa

Beekumsa, muuxannoo fi duudhaa aadaa dubartootaa kabajnee itti fayyadamna.

💬

Counseling fi Gorsa

Bakka tasgabbaa'aa keessatti dhaggeeffannaa, marii fi gorsa dhuunfaa.

🌸

Kunuunsa Dhuunfaa

Dubartiin yeroo ofii isheef kennitee akka of kunuunsituu fi boqottuuf.

YEROO DHIYOOTTI

Tajaajiloota haaraa qophii irra jiran

♨️

Steam Bath

Tajaajila boqonnaa fi kunuunsa qaamaa.

🧖🏽‍♀️

Sauna

Bakka boqonnaa fi relaxation.

🛁

Moroccan Bath

Qulqullinaa fi kunuunsa gogaa qaamaa.

💆🏽‍♀️

Massage

Tajaajila qaama boqochiisuu.

💇🏽‍♀️

Salonii Dubartootaa

Tajaajila rifeensa ammayyaa fi Dibata ammayyaa.

Tajaajiloonni kunneen yeroo hojii isaanii jalqabanitti suuraalee dhugaa fi odeeffannoo dabalataa website irratti ni dabalamu.

MAALIIF FAAYA DHOOYSAA?

Waan adda nu taasisu

🌿 Aadaa fi Ogummaa

Ogummaa aadaa keenya kabajnee dhaloota har'aa waliin walitti fidna.

🌸 Kunuunsa Guutuu

Miidhagina alaa qofa osoo hin taane, yeroo ofiif kennachuu fi boqonnaa ni ilaalla.

🤍 Kabaja fi Iccitii Dhuunfaa

Dubartiin nu bira dhuftu kabajaa fi iccitiin dhuunfaa ishee akka eeggamu ni dursina.

🕊️ Yeroo Ofiif Kennachuu

Ofiif yeroo kennachuunis gatii qaba.

SEENAA FI MUUXANNOO

Hojii guyyaa tokko keessatti uumame miti

Hojii dubartootaaf kunuunsa, aadaa fi muuxannoo waliin wal qabatee suuta suutaan guddachaa dhufe.

Dubartoota garaagaraa waliin hojjechuun, fedhii isaanii dhaggeeffachuun, waan isaan barbaadan hubachuun fi muuxannoo isaanii irraa barachuun, hojii kana keessatti beekumsa fi muuxannoo nuuf horateera.

Hojii keenya keessatti ogummaa aadaa fi tajaajila ammayyaa walitti fiduun, dubartootaaf muuxannoo gaarii uumuu irratti xiyyeeffanna.

265+Customer interactions
Google Business Profile irratti
5.0★Rating Google Maps
(1 review yeroo screenshot kanaa)
ShashemeneBakka hojii

AMANAMUMMAA

Maamiltoota keenya irraa

Yaadni maamiltootaa yeroo itti dabalamutti, jecha isaanii dhugaa fi hayyama isaanii eegnee asitti ni maxxansina.

★★★★★

Google Business Profile

Rating yeroo website kana qopheessine: 5.0/5 (1 review).

Google Maps irratti ilaali →

NU QUNNAMAA

FAAYA DHOOYSAA

Mana Qayyaa Aadaa Oromoo

📍 Shashemene, Ethiopia

📞 091 295 2404
📞 091 202 0786